Poolisii Dhimma Dhunfaa
1. Seensa
1.1 Ibsa Waadaa
Baga Gara Tajaajila Lootorii Itiyoophiyaatti Nagaan Dhuftan, Odeeffannoo Dhunfaa Keessan Eeguu fi Kabajuudhaaf Qophiidha, Waa'een Poolisii Dhimma Dhunfaa Kun Kan Ibsu Odeeffannoo Keessan, Akkamitti Akka Sassabnu, Itti Fayyadamnu,Qoodnu fi Akkamitti Akka Tiksinu Ibsa.
Akkaawuntii Banachuun Ykn Tajaajila Keenya Fayyadamuun Keessan Imaammataa fi Haalawwan Tarraa'an Kana Irratti Walii Galuu Keessan Ibsa.
1.2. Hojjirra Olmaa Imaammataa
Imaammatni Kun Tajaajila Lootorii Dijitaalaa Hunda Kanneen Akka Lootoriwwan Carraadhaan Murteefaman,Taphoota Battalaa Akkasumas Kanaan Walqabatee Tajaajiloota Websaayitii Ykn Maarsaraayiti fi Appilikeeshinii Irratti Kennaman Irrattis ni Raawwatama.
2. Odeeffannoo Nuti Sassaabnuu
Odeeffannoo Keessan Armaan Gadii Sassaabnee Itti Fayyadamuu ni Dandeenya
- 2.1 Mallattoo Dhunfaa:- Maqaa,Guyyaa Dhalotaa,Saalaa fi Lakkoofsa Waraqaa Enyuummaa
- 2.2 Odeefanoo Akkaawuntii:- Maqaa Itti Fayyadamaa fi Lakkoofsa Iccitii Ykn Paaswaardii
- 2.3 Bakka Argamaa:- Teessoo, Imelii fi Lakkofsaa Bilbilaa
- 2.4 Odeefannoo Daldalaa:
- 2.5 Odeeffannoo Teeknikaa:-Ittii Fayyadama Teessoo Ip, Gosa Broozerii fi Karaa Kukiiwwan Akkasuumas Teeknooloojii Walfakkaatoottii Gargaaramuun Odeeffannoo Sassaabuudha
- 2.6 Odeeffannoo Mirkaneeffannaa:- Faayilii Waraqaa Eenyummaa, Koppiiwwan, Ykn Odeefanno Kaffaltiiwwan Enyumaa Keessan Mirkannesuuf Kaffaltan
3. Odeefannoo Keessan Akkamitti Sassaabna.
Akkataa Itti Odeefannoo Dhunfaa keessan Sassabnuu:-
- 3.1 Walqunamtii Kallattii Nu Walin Qabdan:- Yeroo Akkaawuntii Banachuuf Galmoofttan,Tikkeetti Lootorii Bittan Ykn Yeroo Nu Walin Walqunamtan.
- 3.2 Teeknooloojii Ammayyooman/ Haala Aawutoomaatik Ta'en :- Yeroo Isin Fuula Websaayitii Ykn Appiliikeeshinii Keenya Fayydamtan Odeeffannoo Keessan Sassaabuu Dandeeya.
- 3.3 Qaama Sadaffaa: Qaamoota Yeroo Kaffaltii, Qulqulleefannaa Enyuumaa fi Warreen Karaa Tajaajila Gurgurtaa Nuuf Kennan Irraa.
4. Sababa Odeeffannoo Dhunfaa Keessan Itti Fayyadamnu
Odeeffannoo Dhunfaa Keessan Sababa Bu'aa Qabeessa Armaan Gaditiif Fayyadamna
- 4.1 Tajaajila Lootorii Qajeelfamaa fi Seera Qabessaa Ta'e Isin Biraan Gahuu
- 4.2 Daldala Keessan Haala Miijataa Ta'en Xummuruu fi Akkaawuntii Keessan To'achuf
- 4.3 Eenyummaa Keessan Mirkaneessuu fi Ulaagaan Seeraa kabajamuu isaa Mirkanessuuf
- 4.4 Fooyya'insa Tajaajila Keenyaa, Dhimma Beeksisaafi Tranzaakshinii Keessan, Akkasumas Tajaajila Maamiiloota Keenyaa Isin Biraan Gahuuf
- 4.5 Yeroo Rakkooleen itti Fayyadamaa Isin Qunnamuu Qo'annoo Gochudhaan Qulqullinni Tajaajila Keenyaa fi Gammachuun Keessaan Akka Dabaluu Gochudhaan.
- 4.6 Nageenyumaa Keessan Mirkanessu fi Gocha Seraan Alaa Faccisuuf
5, Itti Fayyadamiinsa Seera Qabessa
5.1. Odeeffannoo dhuunfaa keessan Haala Seeraa fi Haqa Qabeessa Ta'e fi Iftoomina Bu'uurefate Qindaa'aa:-
- A. Waliigaltee/Eeyyama: Odeefaannoo Dhuunfaa Keessan Fayyadamuuf Eeyyama Keessan Argachuudhaan.
- B. Dirqama Waliigaltee:- Waliigaltee Isin Waliin Qabnu Rawwachuuf
- C. Dirqama Seeraa:- Seerota Hojji Keenya Waliin Walqunamtii Qaban Akkasumas Qajeelfamoota Kabajuu fi Raawwatamoo Akka ta'an Gochuuf
- D. Mirga Haqa Qabeessa: Hojjii Keenya Geggeessuu fi Tajaajila Keenya Fooyyessuuf
5.2. Odeeffannoon Dhuunfaa Keessan Kan Qiindaa'u Raawwatamuu Seeraa fi Qajeelfamoota Armaan Gaditti Tarraa'an Mirkanessufi :-
- A. Seeraa Fi Qajeelfamoota Lootorii fi Taphaa
- B. Qarshii Seeraan Ala Argamee Fayidaa Irraa Akka Hin Ollee Dhorkuuf
- C. Seera Eegumsa Odeefannoo Kabajuuf
- D. Dirqama Kaffaltii Gibiraa
6. Odeefannnoo Keessan Qoduu Ifa gochuu
Odeeffannoo Dhuunfaa Keessaniif Eeyyama Keessan Yeroo Argannu, Odeeffannoo Sana Qindessuf Bu'urrii Seraa Yoo Jiraatee, Akkasumas Odeeffannoo Keessan Eeguuf Eegumsi Barbaachisaan Akka Godhamu Yeroo Mirkanaa’u; Odeeffannoo qaamolee sadaffaa armaan gadii waliin qooduu kan dandeenyu yeroo haal-dureewwan kun guutaman qofa, kaayyoo qoodamuu fi eenyummaa nama fudhate sanaa isaan beeksisuudhaan.
- 6.1 Qaamolee Tajaajilaa Kennanif:- Kaffaltiidhaan Sassaabuu, Xiinxalaf Enyumaa fi Tintanaa Qulqullefachuu fi Mirkaneeffachuun.
- 6.2 Too'attoota Qaama Mootummaaf :- Dirqamoota Nurraa Eegaman Kabajuu fi Gaffillee Seera Qabeeyyii Ta'aniif Deebii Kennuf.
- 6.3 Dabarsa Daldala Dhunfaa : Yeroo Taatee Walitti Makamuu fi Yeroo Bittaaf Gurgurtaan Qabeenyaa Umamuu.
7. Nageenyummaa Odeefannoo
- 7.1 Odeefannoon keessan Hayyama Malee Fayidaa Irra Akka Hin Ollee fi Bakka Biraatti Hin Qoodamnee akkasumas Ifa Hin Godhamnee Haala Ammayaawwadhaan Dhorkiina.
- 7.2 Odeefannoo dhuunfaa Keessan Eeyama Keessan Malee Ykn Seeraan Ala Akka Fayidaa Irra Hin Ollee fi Akka Tasaa Akka Hin Badne, Akka Fayidaan Ala Hin Taane Gochuuf Tarkaanfiiwwan Teeknikaa fi Gurmaa’insaa Barbaachisoo Ta’an Hojiirra Ni Olchina.
- 7.3 Yeroo Yerootti Mari'annaa fi Qo'anaa Nageenyaa ni Taasifna.
- 7.4 Nageenya Galmee Akkaawuunti Keessanii Eeguuf Isinis Itti Gaafatamummaa Qabdu.
8. Kuufama Odeefannoo
- 8.1 Odeefannoon Dhunfaa Keessan Imaammata Kana Keessatti Kaayyoowwan Tarraaa'an Guutuuf, Dirqama seerrii Murteesse Raawwachuf, Walitti Bu'iinsa Hikuuf Ykn Waliigalteewwan Hojiirra Oolchuuf Yeroo Madaalawaa Ta’eef ni Kuusna.
- 8.2 Haala Seerri Eeyyamuun Dirqamoota Kabajuu, Akkaawuntii fi Odeeffannoon Keessan Fudhachuf Gaaffii Gaafachu Ni Dandesssu.
9. Mirga Itti Fayyadamtootaa
Itti Fayyadamtoonni mirgoota Armaan Gadi Qabu :-
- A. Odeefannoo Dhunfaa Ilaaluu, Ammayyessu Ykn Sirressuu
- B. Kooppii Odeefannoo Keessan nu Bira Jiru Gaafachu
- C. Yeroo Fudhatama Argatuu Itti Fayyadama Odeefannoo Keesasan Ilaalchisee Eeyyama Kennitan Kaasuu.
- D. Haala Seerrii Eeyyamun Dirqamoota Kabajuu, Akkaawunti fi Odeefannoo Keessan Balleessuf Gaaffii Dhiyyeessu Ni Dandeessu
10. Kukiiwani fi Hordoffi Teeknoloojii
- 10.1 Kukiiwwanii fi teeknooloojiiwwan kana fakkaatan fayyadamnee hirmaannaa keessan fooyyessuuf, itti fayyadama xiinxaluu fi qabiyyee fi beeksisa dhuunfaa ta’e geessina.
- 10.2 Filannoo kukiiwwan Keesani qindaa'inoota weeb biraawzari kee irratti fayyadamuun to'achuu dandeessa
11. Walqunamsistoota Qaama Sadaffaa
Waltajjiin Keenya Marsariitiiwwan Ykn Weebsaayitii Qaama Sadaffaa Biroo Waliin Walqunnamtii Qabaachuu Danda’a. Adeemsa Ykn Gochaalee Iccitii marsariitiiwwan Ykn Weebsaayitiwwan Kanneen Irrattii Dhiyaatuuf Itti Gaafatamoo Hin taanuu. Odeeffannoo dhuunfaa Kamiyyuu Marsariitiiwwan Qaama Sadaffaa Kanaaf Kennuu Keessanin Dura Imaammata Dhunfaa Isaani Ilaali
12. Odeefannoo Dhunfaa Daa'imani
Lootorii fi Taphoota Battalaa Waltajjii Keenya Irratti Qophaa'an Irratti Hirmaachuuf Umriin Keessan Seera Qabeessa (Waggaa 18 fi Isaa Ol) Yoo Hin Taanee Itti Fayyadamuun Hin Danda’amu. Waltajjiin keenya Osoo Beekuu daa'imman Umuriin Isaanii hin Geenye Irraa Odeeffannoo hin Sassaabu.
13. Ce'umsa Odeefannoo Addunyaawaa
Itoophiyaan Alatti Kan Argamtan Yoo Ta’e, Odeeffannoon Keessan Gara Biyyoota Seera Eegumsa Odeefannoo Adda Addaa Qabanitti Dabarfamuu fi Qindeefamuu ni Danda’a. Odeeffannoo Keessan Eeguuf Tarkaanfiiwwan Nageenyaa Barbaachisoo Ta’an Akka Fudhannu ni Mirkaneessina.
14. Jijjirama Imaammataa
Imaammata Dhuunfaa kana yeroo yeroon fooyyessuu fi haaromsuu dandeenya. Jijjiiramni Weebsaayitii irratti kan maxxanfamu yoo ta’u, Tajaajiloota keenya itti fufuun kee Imaammata fooyya’e fudhachuu kee ta’ee fudhatama.
15. Tessoo
Waa’ee Imaammata Dhuunfaa kanaa Gaaffii Ykn Komii Yoo Qabaattan, Karaa email info@ethiolottery.et Ykn Bilbilaan +251 977717272 Nu Qunnamaa.